Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 784 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo guyyaa kaleessatiin namoonni dabalataa 784 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 6,139 kan hojjetame yoo ta’u, 784 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 75,368 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 199 yoo dandamata, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 31,204 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,198 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 42,964 keessaa 269 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 72 fi 352 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.