Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti sirni dursa ittisa balaa diriiruu Ministeerri nageenya beeksise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sirni dursa ittisa balaa diriiruu Ministeerri Nageenya beeksisera.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil, proojakticha guyyaa kaleessa ifatti hojii eegalchiisaniiru.

Sirnichi kanneen balaa qaqqabsisan jijjiirrama qabeenya qilleensa, balaa ibiddaa, lolaa fi kanneen rakkoo nageenya ta’aan wayita mudatanitti kutaa hawaasa balichaan miidhamanii fi miidhamu danda’aan adda baasuun dursaan mallattoo of eeggaannoo dabarsa jedhaniiru.

Aadde Mufariyaat Kaamiil Sirnichi balaawwan qaqqaban hojii ittisuu fi oolchu raawwachuuf kan gargaaruus dursa ergaa of eeggannoo ni dabarsa jedhaniiru.

Itti fayyadamni isaas salphaa fi mijataa ta’uu gosaa bilbilaa kamiinu namni fayyadamu akka danda’uus dubbataniiru.

Ministirittiin teessoosa biyyaa Jarman kan taasisee Giloobaal Alaartis akkasumas kanneen biroo sirnichi milkiin xumurramuun gara hojiitti galuu isaaf tumsa taasisaa turan hunda galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.