Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti weerarri Covid-19 yaaddeessaa ta’aa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) -Ityoophiyaatti weerarri Covid- 19 haalaan yaaddeessaa ta’aa dhufuu itti gaafatamaan Waajjira seekreetaariyaat preesii Muummee Ministiraa obbo Nigusuu Xilaahuun ibsaniiru.
 
weeraricha baatii Caamsaa keessa daraan hammaachaa dhufuu eerun, haalli amma jiru mootummaa fi ummata yaaddessaa jira jedhaniiru.
 
Dhhukkubichi Gaambeellaan ala naannolee hundatti muul’ateera jedhan.
 
Dagannaan muul’ataa jiru gatii guddaa waan nu kanfalchiisuuf of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisadha jedhan.
 
Weeraricha ittisuuf hojiin hojjetamu xiyyeeffannoo olaanaa argachuu qaba jedhan obbo Nigusuun.
 
Keessattuu toora tajaajila geejjibaa, naannoolee daldalaa fi iddoolee amantaatti of eeggannoon godhamu xiyyeeffaannoo argachuu akka qabu ibsaniiru.
 
weeraricha ittisuuf sosochiin taasifamu kamuu qindoominaan fi wal hubannaan ta’uu akka qaba hubachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.