Fana: At a Speed of Life!

Jalqabbiin dorgommii gulaallii Kubbaa Miilaa marsaa 2ffaa Paan-Afrikaa  Magaalaa Adaamaatti eegale

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Jalqabbiin dorgommii gulaallii Kubbaa miilaa marsaa 2ffaa Paan-Afrikaa Guyyaa har’a magaalaa Adaamaa Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknolojii Adaamaatti eegaleera.

Saganticharratti Hooggantuu Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon argamuu OBN gabaaseera.

Dorgommii kanarratti bulchiinsi magaaalota 12 hirmaataa jiraachuu eerameera.

Dorgommichi har’arraa eegalee hanga Sadaasa 10, 2015’tti itti fufa jedhameera.

Dorgommii Kubbaa Miilaa Paan Afrikaa kana bara darbe Koongoon qopheessuufi Manni Barnootaa Awwaaroo Amboo Ityoophiyaa bakka bu’ee hirmaachuun kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.