Fana: At a Speed of Life!

Jarmaniin Yuukireeniif deeggarsaa meeshaa waranaa olaanaa ifoomite

Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)- Jarmaniin, Yuukireeniif deeggarsa meeshalee waraanaa Yuuroo biiliyoona 2.7 baasaan ifoomsite.

Deeggarsichi, kan ifoome Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin torban dhufu Barliinitti daawwannaa hojii taasisuuf karoorfachuu hordofeeti jedhameera.

Ministirri Ittisaa Jarman Booris Pistooriyaas akka beeksisaniitti, biyyi isaanii Yuukireeniif deeggarsa gama hundaan taasiftu cimsitee kan itti fuftuudha.

Yeroo ammaas Jarmaniin,Yuukireeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuroo biiliyoona 2.7 taasisuu mirkaneessaniiru.

Kunis hanga ammaatti deeggarsa meeshaalee waaraanaa Yukireeniif taasifaman keesaa isa olaanaa ta’uu Biluumbargi gabaaseera.

Deeggarsi taasifames dirooniiwwanii fi taankiiwwan dabalatee meeshaalee waraanaa ammayyaa’oo biroo ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.