Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiin Ityoophiyaarraa Qamadii bituuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – Jibuutiin Ityoophiyaarraa Qamadii bituuf fedhii qabaachuu Ministeerri Qonnaa biyyattii beeksise.

Ityoophiyaan Damee Qonnaa Jibuutiif oomishaalee Kuduraa fi muduraa, akkasumas dhiyeessii Bishaan Dhugaatii qulqulluu mijeessuurratti qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Jibuutii Mahaammad Ahimad ibsaniiru.

Ityoophiyaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuuf sagantaa Ashaaraa magariisaa hojiirra oolchaa jirtuun biqiltuuwwan bosonaa fi wabii midhaan nyaataaf oolaan Jibuutiif gumaachuu eeraniiru.

Misooma Qamadii Ityoophiyaarraa Jibuutiin muxannoo hedduun kan fudhattu ta’uu ibsuun, Ityoophiyaan wayita oomisha Qamadii gabaa alaaf dhiyeessuu eegalte Jibuutiinis bitachuuf fedhii qabaachuu mirkaneessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.