Fana: At a Speed of Life!

Jigjigaatti Mana Barnootaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti Mana Barnootaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaamadii fi Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan argamaniiru.

Ijaarsi mana barnootichaa dhaabbataa tola oolaa “Namoonni Namootaaf” jedhamuun kan ijaaramu yoo ta’u, waggaatti barattoota kuma tokkoo ol simatee barsiisa jedhameera.

Obbo Musxafee Mahaammad akka jedhanitti ijaarsi mana barnootichaa qulqullina barnootaa guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Kana malees, xiyyeeffannaa mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kenne keessaa tokko ta’uu himuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ijaarsa mana barnootichaas waggaa tokko keessaatti xumuruuf karoorfamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.