Fana: At a Speed of Life!

Jila Atileetiksii Itiyoophiyaaf boru simannaan gootaa ni taasifaama

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoona Atiletiksii Addunyaa 19ffaarratti hirmaachuun bu’aa jajjabeessaa argamsiisaniif guyyaa boruu simannaan gootaa kan taasifamuuf ta’uu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsa kennaniin, Shaampiyoona Atileetiksii 19ffaa Haangaarii Buudapeestitti gaggeeffamen Ityoophiyaan bu’a gaarii argamsiisuu ibsaniiru.

Waldorgommichaan Ityoophiyaan Warqii 2, Meetii 4 fi Nahaasii 3 argaachuu eeruun, qabxiin argame maqaa gaarii Ityoophiyaa kan ijaare ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan jila Atileetiksii Itiyoophiyaaf guyyaa boruu Hagayya 23, 2015 ganama sa’atti 12:00 irraa eegalee Bufaata Xiyyaraa Idil Addunyaa Booleetti simannaan kan taasifamuuf ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.