Fana: At a Speed of Life!

Jila Atileetiksii Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 45ffaarratti hirmaateef simannaan taasiifame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Jila Atileetiksii fiigicha Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 45ffaa magaalaa Beelgireedirratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef simannaan taasiifameera.
Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatii fi Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuun Komishinaraa Daraartuu Tulluun simannaa taasiisaniifiru.
Jilchi fiigicha kanarratti hirmaate Meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 6 fi Nahaasii 2 argachuun Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.