Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanachiin durfamu magaalaa Bahaar Daar gale

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Jilli Itti Aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Naannoo Amaaraa magaalaa Bahaar Daar galeera.
Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Balaay Zallaqaa Bahaar Daar ga’u Preezdaantii Naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee hoggantoota mootummaa naannichaan simannaan taasiifameefira.
Jilli lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa laachuuf gara sana imaluu ibsameera.
Jilli kun hoggantoota mootummaa naannichaa waliin haala lammiilee kanneen waaraan dhaabuun danda’amurratti ni mari’ataan eeggama.
Bakka buutoonni hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee, waldaaleen siiviilii, hoggntoonni mootummaa olaanoo fi dhaabbileen garaagaraa jila kana keessatti hammatamuu AMC gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.