Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ambaasaaddara Indooneezhiyaan durfamuu Yuunivarsiitii Madda Walaabuu daawwate

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)- Jilli Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Indooneezhiyaa Al Busiiraa Basnuuriin durfamuu Yuunivarsiitii Madda Walaabuu daawwate.

Daawwannicharratti Ambaasaaddar Al Busiiraa Basnuuriin akka jedhanitti Itiyoophiyaa fi Indooneezhiyaan hariiroo baroota dheeraa akka qabu.

Walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lameenii cimsuu fi guddisuuf tattaffiin taasifama ajiraachuu eeruun kana keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo walitti dhufeenya obbolummaa biyyootaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qaban himaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimad Kaliil gama isaaniin daawwannaan Ambaasaaddarichaa Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu fi dhaabbilee barnoota olaanoo Indooneezhiyaa, carraa barnootaa, qorannoo fi maxxansa bu’aa qorannoo irratti waliin hojjechuuf carraa kan uumu ta’uu kaasan.

Keessumaa, tattaaffii Yuunivarsiitichi damee tuuriizimii, qonna, fayyaa fi misooma qabeenya uumamaan taasisaa jiruuf tumsa ta’uu ibsuu ragaan Kominikeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddarichi turtii godinichatti taasisaniin iddoowwan seena qabeessa Baalee ni daawwatuun kan eegamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.