Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu hojiilee misoomaa Godina Harargee Bahaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) –Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa  Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu hojiilee misoomaa Godina Harargee Bahaa Dawwaateera.

Jilli kun sadarkaa ijaarsi Giddugala Jimaa Awwadaayi irra jiruu fi hojii misooma beelladaa sanyii  loonii oomisha fooyyaa’aa  argamsiisaan daawwataniiru.

Ummanni Harargee harki caalu jiruu fi jireenyisaa kan hundaa’e oomisha Jimaarratti ta’uu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Oomisha Jimaa kanaan dura Juntaa fi fakkaattoonni isaa irraa fayyadamaa turan waggoota sadan kana keessa mootummaan jijjiiramaa Jiruu fi jireenya ummataa jijjiiruuf xiyyeeffannoo kennee hojjataa jira jedhan.

Giddugalli Jimaa Awwadaay  ijaaramee  yeroo xumuramu rakkoo gama Jimaan jiru kan furu ta’uus himaniiru.

Hojiin Misooma beelladaa gaggeeffamaa jirus kallattii guddinaa fi misooma biyya keenyaaf gumaacha akka qabu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Hoggantuun Qabeenya Misooma Beelladaa Oromiyaa Dooktar Aminaa Abdurhamaan  gama isheen hojiin sanyii Loon nam-tolcheen Diqaalomsuu magaalicha keessatti hojjatame  hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu eeraniiru.

Bu’aa gama kanaan argamu guddisuuf akka Oromiyaatti bara 2014  sanyii loon fooyya’aa  kuma dhibba 5 horsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu  ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota komunikeeshinii Harargee Bahaarra argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.