Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu lammiilee aanaalee godina Arsii Lixaatti rakkoo uumaaman balaaf saaxilaman daawwate

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaatti argamuun lammiilee balaa Uumamaan rakkoo beelaaf saaxilaman daawwateera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsa barbaachisu dhiyeessuuf kan hojjatamu ta’uu ibsameera.
Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa Federaalaa obbo Haaydiruus Hasan sababa hanqina gabaasaan deeggarsa laatamurratti hir’inni uumamuu dubbataniiru.
Mootummaan Federaalaa fi naannoo deeggarsa itti fufiinsa qabu lammiilee kanneeniif dhiyeessuuf kan hojjetan ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godina Arsii lixaa obbo Abdallaa Ibraahim gama isaaniin dhiyeessiin sanyii fi galteen qonnaa iddoolee hin qaqqabnetti hatattamaan qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hawaasni rakkoof saaxilaman kunneenis yeroo ammaa rakkoo hammaataa keessa jiraachuu kaasaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.