Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa Obbo Dammaqaan durfamu Beejiingi gale

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Jilli Ityoophiyaa Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu daawwannaaf Chaayinaa Beejiingi galeera.

Jilichi wayita Beejiingi ga’u Qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa, hojjettoonni Embaasii Ityoophiyaa fi bakka bu’oonni hawaasa diyaaspooraa Ityoophiyaa simannaa taasisaniiruufi.

Obbo Dammaqaan afeerraa Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaangiin taasifameefiin daawwanaa hojiif Chaayinaa kan dhaqan.

Turtii isaaniin, Qondaaltota olaanoo biyyattii waliin ni mari’atuun kan eeggamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.