Fana: At a Speed of Life!

Jilli Kantiibaa magaalaa Atilaantaan durfamu Finfinnee gale

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Jilli Kantiibaa magaalaa Atilaantaa Andiree Diikansiin durfamu daawwannaa hojiif magaalaa Finfinnee galeera.

Jilichi wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahu Ittaanaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay, Hojii Raawwachiisaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Masfin Xaasawuufi hoggantoota olaanoo magaalichaan simatameera.

Jilichi turtiisaan dhimmoota magaalonni lameen waliin hojjetan irratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin kan mari’atu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Kana malees hojiilee misoomaa magaalichaa ni daawwataan kan eegamu ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.