Fana: At a Speed of Life!

Jilli Komishinar Lalisee Dhugaan durfamu qabeenya Turizimii Oromiyaa Awurooppaatti beeksisaa Jira

Finfinnee, Amajjii 14, 2015 (FBC) – Jilli Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaatiin Lalisee Dhugaan durfamu Qabeenya Turizimii Oromiyaa Awurooppaatti beeksisaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Hoggantuu Koomishinii Turizimii Oromiyaa Komishinar Lalisee Dhugaan durfamu, magaalaa Helsinkiitti argamuun agarsiisa turiizimii guddicha Kaaba Awurooppaa kan ta’e ‘Matka Nordic Travel Fair’ irratti hirmaachuun qabeenya Turizimii Oromiyaan qabdu addunyaatti beeksisee jira.

Agarsiisa turiizimii ‘Matka Nordic’ kana irratti dhaabbileen turiizimii 850 ol kan hirmaatan yoo ta’u, guyyoota sadiif itti fufuun namoonni kuma 68’tti hiiqan ni daawwatu jedhamuu ragaan Komishinii Turizimii Oromiyaarraa argame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.