Fana: At a Speed of Life!

Jilli Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaa hojiilee misoomaa fi Proojektoota aanaa Boosatii fi magaalaa Mataaharaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Jilli Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaa hojiilee misoomaa fi Proojektoota godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatii fi magaalaa Mataaharaa daawwate
 
Jilichi qaamolee hawaasaa garagaraa waliinis mari’ateera.
 
Jilichi aanaa Boosat gandoota lama daawwachuun hanqinaalee fi ciminoota turan irratti qaamolee hawaasaa fi hoggantoota seekteraalee aanichaa waliin mari’ateera.
 
Magaalaa Matahaarattis proojektoota carraa hojii uumuu fi dargaggoota gurmeessurratti hojjetaman daawwateera.
 
Daawwannicha booda Kaantiibaa magaalaa fi hoggantoota seektaroota magaalichaa waliin dhimmoota daawwataman irratti mari’ateera.
Oduma walfakkaatuun garee Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaa Obbo Ahimad Mahaammadiin durfamu godina Arsii Lixaatti jiraattota magaalaa Bishaan Gurraachaa waliin dhimmoota garagaraarratti mari’ateera.
 
Hanqinni Bishaan dhugaatii, qorichaa, buufataalee fayyaa fi haalli qabiinsa kenna lafa mana jireenyaan walqabatee jiru rakkoolee ijoo ta’uu hirmaattoonni kaasaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.