Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abdurhamaan Abdallaatiin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti piroojektota Birrii biiliyoona 1.7 oliin ijaarraman eebbise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) –Jilli sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti hogganaa kilaastera Baadiyaa Obbo Abdurhamaan Abdallaatiin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti piroojektota misoomaa Birrii biiliyoona 1.7 oliin ijaarrame eebbiseera.

Magaalonni piroojektoota hojjatan kamuu qulqullina, fi yeroo qabame keessatti xumuruun tajaajila hawaasaatiif oolchuu akka qaban Obbo Abdurhamaan Abdallaan hubachiisaniiri.

Magaalaa Asallaatti piroojektoonni buleeyyii fi haaraan hojjetaman 63 ol yeroo ammaa kana irra caalaan isaanii xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Gazaal Hashuun himaniiru.

Piroojeektonni guyyaa har’aa Magaalaa Asallaatti eebbifaman Keellaawwan fayyaa beelladaa fi namaa, iddoowwan bashannanaa fi magariisummaa akkasumas piroojektoota bishaanii fi kanneen birooti ta’uu kaasaniiru.

Jamaal Gandootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.