Fana: At a Speed of Life!

Jilli Paabilik Dippiloomaasii Jibuutii Ityoophiyatti daawwannaa hojii taasisuufi

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Jilli Paabilik Dippiloomaasii Jibuutii Ityoophiyatti daawwannaa hojii akka taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiiyaaleef kennanii jilli Paabilik Dippiloomaasii Jibuutii miseensota 112 qabatee Waxabajjii 25-30, 2015’tti Ityoophiya akka daawwatan ibsaniiru.

Jilli gara Ityoophiyaa dhufus, Hayyoota, Gaazexeessitoota, jaarsoolii biyyaa, namoota bebbeekamoo fi kutaalee hawaasa garaagaraa biyyattii akka ta’ee TOI gabaaseera.

Gareen jilichaa turtii Ityoophiyaatti taasisuun marii ummataa fi hirmaannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka taasisus dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.