Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Giddugala Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, Giddugala Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti sanyii filatamaa Muuzii Laabraatooriin oomishamaa jiru daawwate.

Sanyiin falatamaa Muuzii ji’a torba keessatti gahuu danda’u kuma 60 ol oomishuun Qonnaan bultoota Godinaalee Baalee fi Shawaa Bahaatiif raabsamuuf qophiirra jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Insitiityuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggalaan himaniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan sanyii falatamaa raabsamuuf jiru Itti Aanaa hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuutti dabarsuun laachuu ragaan Biiroo Qonnaa Ormiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.