Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu hojiilee Misoomaa Godina Shawaa Bahaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu hojiilee Misoomaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu daawwateera.

Jilichi Oomisha kilaastera Boqqoolloo lafa hektaara kuma 2fi 16 irratti misoomaa jiru daawwateera.

Oomisha Boqqolloo kanarraa callaa kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 31fi 40 kan eegamu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Masfiin Tashoomaan ibsaniiru.

Lafa Hektaara miiliyoona 1.3 Boqqoolloon misoomerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 67 kan eegamu ta’uu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Daawwannaa kanarratti Ambaasaaddar Girmaa Birruu dabalatee hoggantoonni olaanoon Mootummaa Federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Daagimaawii Deeksiisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.