Fana: At a Speed of Life!

Jilli preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Najjootti raabsaa humna eletirikaa eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatin durfamuu Godina Wallaga Lixaa magaalaa Najjootti raabsaa humna elektirikaa eebbisiisuun hojii eegalchiiseera.

Sirna eebba proojektichaarratti obbo Shimalliis Abdiisaa dabalatee Ministirri Miinisteera Bishaan, Inarjii fi Jallisii Dooktar Injinar Silaashii Baqqalaa, preezdaantii naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadlii Hasan, hojii gaggeessaa olaanaa Tajaajila humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Ashabbiir Baalchaa dabalatee bakka hoggantoonni federaalaa fi naannoo akkasumas jirattoonnii magaalaa Najjoo aragamaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Najjoo fi naannawaa ishee,  raabsan humna eletirikichaarraatti gahetti gammadoo ta’uu himu.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.