Fana: At a Speed of Life!

Jimmaa Abbaa Jifaar imala moo’annaa isaa itti fufee jira

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Taphoonni Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 7ffaan guyyaa har’aa magaaloota garaagaraatti gaggeeffameera.

Taphoota har’a gaggeeffameen:- Jimmaa Abbaa Jifaar Magaalaa Walqixxee 1-0n Yuunvarsiitiin Walwaaloo Aaddegiraat Magaalaa Dirree Daawwaa 2-0n, Maqalee 70 Indertaan Magaalaa Adaamaa 2-0, Magaalli Bahaar Daar Buna Ityoophiyaa 3-2, Hadiyyaa Hoosaa’iinaan Buna Sidaamaa 2-1n injifataniiru.

Magaalaan Faasiilii fi Walaayittaa Diichaan 1-1n qixa yoo bahan, Qidduus Giyoorgisii fi Magaalaan Hawaasaa ammoo goolii malee qixaan xumuraniiru
.
Tapha guyyaa kaleessaa gaggeeffameen ammoo Sihuun Shireen Magaalaa Sabbataa 1-0n injifateera.

Liigicha Walwaaloon qabxii 14n yoo dursu, Maqalee 70 Indertaan qabxii 13 sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 10 sadarkaa 6ffaa qabatee jira.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.