Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalattii dammaqinaan akka eegan Bulchiinsi Finfinnee waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Torban dhufuu ayyaanonni ummataa fi biyyaalessaa kabajaman nagaan akka xumuramaniif jiraattonni magaalattii naannawaa isaanis ta’e magaalattii gurmaa’anii dammaqinaan akka eegan Bulchiinsi Magaala Finfinnee waamicha dhiyeesse

Bulchiinsi magaalichaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseen, jiraattonni humnootaa fi raayyaa nageenyaa waliin ta’uun akka sochii taasisan bulchiinsichi waamicha dhiyeesseera.

Qaamolee gochaalee seeraan alaarratti bobba’an, shiftoota, oduu shororkaa kanneen tamsaasan, shira diinagdee uumuuf kanneen socho’an, akkasumaas tajaajiloonni ummataa fi mootummaa akka gufatu taasisan saaxiluun, humnoota nageenyaaf eeruu kennuun, jiraattonni ittigaafatamaa biyyaalessaa akka bahatan Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Waraanaa yeroo ammaa banamee jiruu qolachuuf kan bobba’e Raayyaa Ittisaaf deeggarsa barbaachisu hunda taasiisuuf qophii ta’uu ibseera.

Hojiilee hundaan bu’aa qabeessa ta’uun shira diinaa fashaleessaa nageenya magaalaa Finfinnee waaraan mirkaneessuun Ityoophiyaa ni tiksina jechuun ibseera.

Gareen ABUT olola sobaa oomishuun tokkummaa ummataa fi nageenya ummataa booreessuuf fakkaattoota isaa waliin gurmaa’uun karoora badii isaanii milkeessuuf socho’aa jiraachuu eereera.

Shira diinagdee garaagaraa raawwachuun hawaasni mootummaarratti akka kaka’u tattaaffiiwwan adda addaa taasiisaa jiraachuu himeera.

Qaamolee shira diinagdee uumuuf socho’anii fi tajaajilli mootummaa fi ummataa akka gufatu taasiisan shira xaxaa jiran hawaasni qaamolee nageenyaaf eeruu laachuun dirqama biyyummaa isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.