Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Godina Shawaa Bahaa namoota Magaalaa Axaayeetti rakkoof saaxilamaniif deeggarsa taasisaan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Jiraattoonni Godina Shawaa Bahaa Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Axaayeetti namoota sababa rakkoo tibba darbe mudateen rakkoof saaxilamaniif deeggarsa maallaqaa fi midhaan nyaataa arjooman.

Midhaan nyaataa gosa garagaraa walumatti kuntaala 400 fi maallaqa Birrii 100,000 deeggarsaan kennaniiru.

Uummata godinichaa bakka bu’uun deeggarsicha namoota kanneeniif kan geessan Abbootiin Gadaa godinichaa aadaa boonsaa ummanni Oromoo qabu keessaa tokko aadaa yeroo rakkoo wal gargaaruuti, nutis kanumaaf rakkoo keessan qooddachuuf dhufne jedhan.

Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo godinaaleen lamaan godinaalee waldaangessan, ollaa waliiti. yeroo rakkootti ollaatu waliif birmata, kanaaf deeggarsa kana finnee jedhan.

Rakkoolee daangaa fi kanneen biroo godinaalee lameen gidduutti mudatanis waliin furuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhan.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.