Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni godina Wallaggaa Lixaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaa fi akaakuu Birrii miiliyoona 10 ol taasisan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Jiraattoonni godina Wallaggaa Lixaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaa fi akaakuu Birrii miiliyoona 10 ol taasisuu Bulchiinsi Godina Wallagga Lixaa beeksise.

Godinichatti marsaa jalqabaa Sangoota 24 deeggarsi taasifamuu Itti Aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Wallagga Lixaa Obbo Takkaalliny Yimaamuu himaniiru.

Marsaa 2ffaaf qaamolee hawaasaa garagaraa hojjetaa mootummaa, jiraataa Magaalaa, qonnaan bulaa, dubartoota, abbootii qabeenyaa, yuuniyeenota, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee faayinaansii fi dhaabbilee barnootaa Sadarkaa Aanaa Magaalaa fi Godinaa hirmaachisuun Birrii miiliyoona10 fi Kuma 100 fi kuma 26 fi 821 Raayyaa Ittisa Biyyaaf walitti qabamu ibsaniiru.

Jiraattooni godinichaa deeggarsa taasisaan gara fula duraattis kan itti fufaan ta’uu ragaan Wajjiira Kominikeeshinii Godina Wallagaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.