Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni kutaa magaalaa Araadaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 70 taasisan

Finfinne, Sadaasa 17, 2013 (FBC)- Jiraattoonni kutaa magaalaa Araadaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 70 fi meeshaalee garagaraa taasisaniiru.

Deeggarsa jiraattoonni kunneen taasisaan itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Sadarkaa itti aanaa Kantiibatti hogganaan Biiroo Hoji Gaggeessa magaalaa  obbo Xiraatuu Bayyanaa jeneraaloota raayyaa ittisa biyyaa bakka bu’aanii argamaniif laataniiru.

Jiraattoonni kutaa magaalaa Araadaa tarkaanfii mootumman olaantummaa seeraa garee finxaaleeyyii ABUT irratti fudhata jiru deeggaruuf raayyaa ittisaaf kan ooluu sangootaa dabalatee meeshaalee adda addaa waliigalaa Birrii miiliyoona 70 taasisaniiru.

Sirna wal harka fuudhisichaarratti haasawa kan taasisaan aadde Adaanach, jiraattoonni magaalichaa haleella raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatame balaleeffachuun raayyicha cina dhaabbachuun deeggarsi taasisaa jira kan nama boonsuudha jedhaniiru.

Jiraattootta deeggarsa taasisaniis galateeffataniiru.

Haaluma wal fakkatuun jiraattoonni kutaa magaalaa Qiirqoos deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii Miiliyoona 101 ol  taasisaniiru.

Hojii raawwachisa olaanaan Kutaa magaalaa Qiirqoos obbo Jamaal Raddii jiraattoonni kutaa magaalaa Qiirqoos deeggarsa meshaalee nyaataa Birrii miiliyoona 96.8tti tilmaamamanii fi Birrii miiliyoona 4.8 taasisu himaniiru.

Deeggarsa taasifame Af Yaa’iin mana maree Finfinnee aadde Zarfashiwal Nugusee fi hogganan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Mallas Alam bakka bu’a Rayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal  Warquu Kabbadaaf laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.