Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni naannoo Tigraay hanga Bitooteessa 10tti Birrii moofaa guutuummaa guutuutti akka jijjiirran yaadachiisi laatame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC)- Jiraattoonni naannoo Tigraay Gurraandhala 29 hanga Bitooteessa 10, 2013tti Birrii moofaa guutuummaa guutuutti akka jijjiirraan Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa yaadachiise.
Naannoo Tigraayiin alatti guutuu biyyattitti hojiin Birrii moofaa haaraan jijjiiruu milkiin xumuramuu baankichi ibseera.
Naannichaatti duula olaantummaa seeraa kabachiisutin jijjiirraan noottii haara gufachuu ibsameera.
Kana yaada keessaa galchuunis namoonni Birrii moofaa kuma 100 gadii qaba akka jijjiirraniif guyyoonni dabalataa 14 laatamee akka turee baankichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.