Fana: At a Speed of Life!

Joo Baaydan, Kaamaalaa Haariis itti aantuu Preezdaantii Ameerikaaf akka dorgoman kaadhiman

Joo Baaydan, Kaamaalaa Haariis itti aantuu Preezdaantii Ameerikaaf akka dorgoman kaadhiman

Finfinnee, Hagayyaa 6, 2012 (FBC) – Kaadhimamaan Demookiraatoota Ameerikaa Joo Baaydan Seenaatar Kaamaalaa Haariis itti aantuu Preezdaantii ta’anii akka dorgomaniif filatan.

Kaamaalaan Ameerikaatti dubartii bifaan guraachaa sadarkaa kanatti filataman jalqabaa ta’aniiru.

Seenaatara Kaaliifoorniyaa kan ta’an Kaamaalaa Haariis sanyummaa Hindii fi Jaamaayikaa qabu.

Kaamaalaa Haariis Haadha Alangaa Kaaliifoorniyaa kan turan yoo ta’u, yeroo duulli mormii sanyummaa biyyaalessaa turetti fooyya’iinsi hojmaata poolissii akka godhamu dhiibbaa taasisaa turaniiru.

Joo Baaydan filannoo Ameerikaa Sadaasa 3, 2020 gaggeeffamurratti Preezdaantii Ameerikaa yeroo ammaa Doonaald Traamp waliin dorgomu.

Kaamaalaa Haariis waltajjii duula filannoo Onkololeessa 7, 2020 magaalaa Soolt Leekitti taasifamurratti Maayik Peens waliin filmii cimaa gaggeessu jedhamee eeggama.

Filannoo Preezdaantummaa Ameerikaa Sadaasa 3, 2020 gaggeeffamuuf Kaamaalaa Haariis  itti aanaa preezdaantiif kaadhimamaniiru.

Filannoo Preezdaantummaa Ameerikaa bara Faranjootaa 1984 Demookiraatoota bakka bu’uun Garaaldii Feeraarroon, Filannoo bara 2008 irratti ammoo Riippaablikaanoota bakka bu’uun Saaraa Paaliin dorgomanis paartiin isaanii osoon hin filatamin hafeera.

Seenaa filannoo Preezdaantummaa Ameerikaatiin paartii hunda keessatti dubartiin dhaloota walmakaa taate sadarkaa kanatti kaadhimamtee hin jirtu jedhameera.

Hanga ammaatti dubartiin filannoo Preezdaantummaa Ameerikaa moo’attes hin jirtu.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.