Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan boru sirna kakuu galuu ni raawwatu jedhame

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC) – Filannoo Preezdantummaa Ameerikaa Sadaasa darbe gaggeeffame hordofee preezdantii haaraa biyyattii ta’uun kan mirkanaa’eef Joo Baayidan, guyyaa boruu sirna kakuu raawwachuun preezdaantii 46’ffaa biyyattii ni ta’u.

Turtiin isaanii Waayit Haawus taateewwan hin eegamiinii fi yaadota falmisiisoo hedduun guutame Doonaald Traampis gama isaaniin guyyaa xumuraa isaaniitti waan ijoo raawwatantu jira jedhame.

Hokkora ‘Capitol’ du’a namoota shaniif sababa ta’e hordofee hokkorri walfakkaataan meeshaa waraanaan deeggarame bulchiinsoota US hedduu keessatti ka’uu mala yaaddoo jedhuun loltoonni kumni 25 ta’an bobbaafamaniiru.

Wantoota guyyaa isa xumuraa aangoo isaaniitti ni raawwatu jedhame keessaa tokko, qoqqoobbii imalaa biyyoota Awurooppaa fi Biraazil irraa gara US’tti taasiifamu kaasuudha.

Haata’u malee bulchiinsi haaraan Baayidan ejjennoo jabaa to’annoo Covid 19 irratti qaburraa kan ka’e murteewwan dhumaa Tiraamp keessaa tokko kan ta’e qoqqoobbii imalaa kaasuu kana dura dhaabbachuutti jira.

Tiraamp boru ganamaan Waayit Haawusiin gadhiisanii kan bahan akka ta’ee fi Joo Baayidan ammoo guyyichuma walakkeessa guyyaatti masaraa mootummaa US’tti akka galan himamaa jira.

Sirna walharkaa fuudhinsa aangoo boruu raawwatamu dursee sababa hokkora deeggartoota Tiraampiin dhalateen eegumsi nageenyaa magaalaa Waashingitan DC keessa jiru akkaan jabaateera.

Joo Baayidanii fi haati warraan isaanii Jiil guyyaa har’aa bakka jireenyaa isaanii Wiilmingiton Delawaare irraa gara Waashingitanitti ni imalu jedhamees eegama.

Haleellaa Kaappitol booda Tiwiitarri isaanii kan uggurame Doonaald Tiraamp kanaan dura haala hin baratamneen callisaniiru.

Wanta guyyaa Kibxataa kana raawwatan ilaalchisees odeeffannoowwan hedduun hin jiran.

Ibsi Waayit Haawusii bahe tokko ”preezdaant Tiraamp ganamaa hanga galgalaatti ni hojjetu.

Haasaawwan bilbilaa fi mariiwwan hedduu godhu,” jedheera.

Walharkaa fuudhinsa aangoo Preezdaantiin kana dura akka baratametti yoo ta’e, preezdaantiin aangoo gadhiisu guyyaa isa dhumaatti preezdaantii haaraa Waayit Haawusitti simatee haasa’a.

Haata’u malee Tiraamp sirna baratamaa kana Joo Baayidaniif akka hin qopheessine beekameera.

Akka durii namootni kumoota hedduun lakkaawwaman Kaapitaal hiil fuula duratti walitti hin qabaman.

Loltootni biyyaalessaa kumni 25, guutuu biyyaatti nageenya eeguuf duulaniiru.

Tiraamp waggoota 150 keessatti preezdaantii jalqabaa sirna kakuu preezdaantii itti aanuu irratti hin argamne ta’aniiru.

Yaaddoo guddaan dhalatee waan jiruuf, loltootni biyyaalessaallee FBI’n qoratamaa jiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.