Fana: At a Speed of Life!

K/Gargaartuu Daraartuu Tulluu badhaasni Niishaanii Mootummaa Jaappaaniin kenname

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Pireezidaantii Federeeshini Atileetiksii Itiyoophiyaa Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluun badhaasa Niishaanii kabajaa Mootummaa Jaappaaniin kennameef fudhatan.

Koomiishinar Daraartuu Tulluun dippiloomaasii Ispoortiin Itiyoophiyaa fi Jaappaan gidduuf gumaachaa taasisanitti dabalataan guddina Atileetiksii fi nageenya biyyaaf gumaacha taasisaniif mootummaan jaappaan badhaasicha kennuufiin kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan seenaa hariiroo gamlamee Jaappaanii fi Itiyoophiyaa keessatti Atileet Daraartuu Tulluun lammii itiyoophiyaa jalqabaa Niishaanicha argatan ta’aniiru.

Badhaasichas Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Jaappaan Shiibaataa Hiroonoorii harkaa fudhachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Badhaasni kun Mootummaan Jaappaan Bara Faranjoota 1875 eegalee lammiilee biyya alaaf kan kennu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.