Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Naannoo Gaambeellaa murteewwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Gaambeelaa walga’ii ariifachiisaa kaabinee gaggeesseen murteewwan garaagaraa dabarseera.

Walga’ichaan ajandaawwan sadiirratti kan mari’ate yoo ta’u, tajaajilli hoggansa soda balaa buqqaatotaa aanaalee saddeet kuma 75 balaa lolaatiin miidhaman deeggaruuf Birrii miiliyoona 10 raggaasiseera.

Balaan lolaa miidhaan geessise olaanaa yoo ta’u, mootummaa fi dhaabbileen miti mootummaas deeggarsa gama isaanii akka taasisan waamicha dhiyeesseera.

Dabalataan gurmaa’ina caasaa Koomishini Poolisii naannichaa fooyya’e ilaalchisee gurmaa’insii haaraan akka hojjetamuu murteesseera.

Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Gaambeellaa dameewwan muraasaan sadarkaa digirii akka kennuuf murtee dhiyaate irratti mari’achuun, muummeewwan muraasaan koolleejjichii hojii isaa akka eegalu murteessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.