Fana: At a Speed of Life!

Kaadhimamaan filannoo Preezdaantummaa Koongoo dhibee Covid -19 du’an

Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Kaadhimamaan filannoo Preezdaantummaa Koongoo Gaay Briis Koolalaas filannoon gaggeeffamee guyyaa tokko booda sababa dhibee Covid -19 du’aan addunyaa kanarraa darban.
Jala bultii filannoon gaggeeffamuuf turetti gara Hospitaalaa kan galan Gaay Briis Koolalaas yaala dabalataaf gara Faransaay wayita imalaa jiran Xiyyaara keessatti lubbuun isaanii darbuu ibsameera.
Filannoon Preezdaantummaa Koongoo guyyaa kaleessaa gaggeeffameera.
Preezdaantiin biyyattii Deeniisa Saaniis waggoota 36ffaaf Koongoo bulchaniiru.
Filannoo kaleessa gaggeeffameeniis tilmamaamni moo’achuu laatameefira jedhame.
Maddi :- BBC fi Al jezeeraa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.