Fana: At a Speed of Life!

Kaampii baqqattootaa Griikirra balaan ibiddaa qaqqabe

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Kaampiin baqattootaa guddichi biyya Griik Mooyraa jedhamu balaa ibiddaan barabadaa’uu ibsame.
 
Kaampiin Mooyraa baqattoonni wal dhiphisanii keessa jiratan abiddaan gubateeera.
 
Baqqattoonii kaampii kana keessa jiran iddoo biroo qubsiifamaniiru.
 
Hanga ammaatti namni lubbuun darbee fi miidhaan irra qaqqabe hin jiru jedhame.
 
Ka’umsi balaa kanaa ibiddaa bosonaa odola leebsoos jedhamurraa ta’uu ibsameera.
 
Bubbeen hamaan ture balicha hammeessee ture jedhame.
 
Wanti mooraa kaampichaa keessatti argamu hundi barbadaa’aniiru jedhame.
 
Kaampii kana keessaa baqqattoota kuma 13 ol jiraata ture.
 
Kaampiin namoota kana hundaaf bakka jireenyaa ture guutumaan guutuutti barbadaa’uu aanga’oonni biyyattii eeraniiru.
Maddi:- BBC fi Al Jazeera
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.