Fana: At a Speed of Life!

Kalaqxoota jalqabaa deeggaruuf Labsiin qophaa’aa jira

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Labsiin abbummaa kalaqxoota jalqabaa deeggaruu fi jajjabeessuuf dandeessisu qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Ministeerichatti Daayrektarri Damee Innooveeshinii fi Qo’annoo Salaamihuun Adifiras, hojiileen abbootii kalaqa jalqabaa tajaajilaarraa akka ooluuf deeggarsi garagaraa taasifamaa jira jedhan.
Abbootiin kalaqaa jalqabaa intarpiraayizii akka ta’aniif yeroo ammaa labsiin onnachiistuu of keessatti hammate qophaa’aa jiraachuu eeruun, labsichi wayita hojiirra oolu bu’aa qabeessa kan taasisu ta’uu eeraniiru.
Wixineen labsii qophaa’e qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin irratti mari’atamaa jiraachuu kaasaniiru.
Lammiilee yaada kalaqaa haaraa qaban deeggaruuf ministeerichi dorgomsiisaa jiraachuus ibsanii, kalaqxoota dorgommicha injifataniif deeggarsi maallaqaa fi teekinikaa kan kennamuuf ta’uu himaniiru.
Deeggartoonni misoomaas yaadota mo’atoo ta’an maallaqaan akka deeggaraniif sirni diriiruu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.