Fana: At a Speed of Life!

Karoorri hojii fi baajata proojektii Faawundeeshinii dijiitaalaa Ityoophiyaa raggaasifame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Karoorri hojii fi baajata proojektii Faawundeeshinii dijiitaalaa Ityoophiyaa raggasifameera.

Koreen biyyoolessaa karooraa fi baajata proojektichaa bara 2014 raggaasiseera.

Koreen biyyoolessaa kun proojektichi bara kana dhimmoota hojjetamuuf karoorfamaan irratti marii gaggeesseera.

Proojekticha keessaatti Ministeerri Teeknooloojii fi Innooveeshinii Ministeerri Nageenyaa, Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa, Ministeerri saayinsii fi dhaabbilee barnoota olaanoo kan haammatamaan yoo ta’u, hojiisaanii fi baajanni dhiyaatee raggaasifameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.