Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti vaayrasiin koroonaa muul’achuun dhaga’ame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012 (FBC) – Mootummaan Keeniyaa dhukkubni koroonaa vaayirasii jalqabaa biyyattiitti argamuu beeksise.

Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaah Kaagiwee ibsa laataniin lammii Keeniyaa kan taate dubartiin Ameerikaarraa karaa Landaniin Keeniyaa galterratti dhibeen kun muul’achuu ibsaniiru.

Dhukkubsattuun kun Keeniyaa kan galte torban dura jedhameera.

Dhibichaan qabamuun ishee kan beekkame garuu kaleessa galgala ta’uun ibsameera.

Mootummaan Keeniyaa imala Chaayinaa fi Xaaliyaan kamuu dhoorkuun isaa kan yaadatamudha.

Dhibeen kun Gaanaa fi Gaaboonittis muul’ateera jedhame.

Maddi; BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.