Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Kubbaa Miilaa Sokorruu Shaampiyoonaa liigii Olaanoo Oromiyaa ta’e

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Tapha liigii Olaanoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti kilaboota 26 hirmachisuun gaggeeffamaa tureen kilabni kubbaa miilaa Magaalaa Sokorruu Shaampiyoonaa ta’eera.
Sokorruun kilaba kubbaa Miilaa Beddellee waliin kan morakate sa’aatii idileen galchii malee goolabuun rukuttaa adda bahiinsaan Sokorruun 5 fi 4 injifachuun bara kana bifa haaraan kan eegalee liigii Olaanoo Oromiyaa olaantummaan goolabeera.
Tapha Sadarkaaf taphatameen ammoo Shaakkisoon Hospitaala Odaa Hullee injifachuun sadarkaa 3ffaa qabachuun xumureera.
Kilaboonni liigii Olaanoo Oromiyaan Sadarkaa 1 hanga 4 tti goolaban Oromiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa Naannolee Ityoophiyaa bara kana qopheessummaa Federeshiinii kubbaa miilaa Ityoophiyaan magaalaa Hawaasatti gaggeeffamurratti kan hirmaataan taha.
Goolaba liigii Olaanoo Oromiyaa kanarraatti preezdaantiin federeshinii kubbaa Miilaa Ityoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa, Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa, Itti gaafatamaan waajjira Federeshinii kubbaa Miilaa Oromiyaa obbo Firoomsaa Laggasaa dabalatee keessummoonni biroo argamaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.