Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Qidduus Giyoorgis taphattoota ciccimoo garichaa 4 hojiirraa dhorke

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Kilabni Qidduus Giyoorgis sababa namuusaan Geetaanaa Kabbadaa, Aschaalew Taammanaa, Gaaddisaa Maabraatee fi Muluuleem Masfin garee olaanaa keessa dhorkuu beeksiise.
Kilabichi ibsa laateen garicha bu’aa qabeessa taasiisuuf hoggansi boordichaa humna qabu hundaan deeggarsa barbaachisu taasiisaa jiraachuu himeera.
Yaa ta’uutii taphattoonni tokko tokko namuusni agarsiisaa jiran kan isa yaaddesse ta’uu ibsa fuula Feesbuukii isaan laateen eereera.
Tapha kaleessa Istaadiyeemii Dirree Dawaatti Jimmaa Abbaa Jifaar waliin gaggeeffameen Geetaanaa Kabbadaa, Aschaalew Taammanaa, Gaaddisaa Maabraatee fi Muluuleem Masfin namuusa badaa taphattootarraa hin eeggamne agarsiisuu himeera.
Boordiin kilabichaa walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen namuusni taphattoonni kunneen agarsiisaan qoratamee gabaasni hanga dhiyaatuutti yeroof garicha keessaa dhorkamanii akka turan murteessu ibsameera.
Kanuma hordofee taphaattoonni kunneen har’a Dirree Dawaa gara Finfinnee akka deebi’an taasiifamuu himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.