Fana: At a Speed of Life!

Kilaboota Betkiing Primeer liigii Ityoophiyaa sadirratti adabbiin darbe

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)-  Kilaboonni Betkiing primeer liigii Ityoophiyaa naamusa pirimeer liigii cabsan sadirratti adabbiin darbeera.

Kilaboonnii kunniinis kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Dirre Dhawaa, Hadiyaa Hosaanaa fi Walayittaa Diichaa yoo ta’an, deegartoonni kilaboota kanneenniin naamusa hin taanee dirree keessatti agarsiisuun wal qabatee adabbiin kun irratti darbuun danda’ameera.

Kilabni kubbaa miilaa Hadiyaa Hosaanaa tapha Pirimeer liigii Ityoophiyaa torbee 11ffaa Jimmaa Abbaa Jifaar waliin taphatee 4 fi 2 mo’ameerratti deeggartoonni Abbaa murtee taphichaa jechoota hin taaneen arrabsuu isaaniin gabaasni kan irratti dhiyaateera.

Kilabni kubbaa miilaa Walayittaa Diichaa tapha Magaalaa Finfinnee waliin taphateen Abba murtee taphichaa arrabsuu isaanii koree naamusa Pirimeer liigii Ityoophiyaa gabaasni gahu himeera.

Kanuma hordofees koreen naamusaa pirimeer liigii Ityoophiyaa tokkoon tokkon kilaboota kanneenirratti adabbii Birrii kuma 75 dabarseera.

Akkasumas kilaba kubbaa miilaa Magaalaa Dirre Dawaas baleessuumma wal fakkatuun adabbiin Birrii kuma 50 irratti darbeera.

Maddi:-Soccer Ethiopia

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.