Fana: At a Speed of Life!

Kirooshiyaan Jaappaaniin injifachuun tapha nuusa xumuraaf dabarte

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Kiroosiyaan rukuttaa adda bahiinsaan 3 fi 1’n Jaappaan injifachuun tapha nuusaa xumuraaf darbarte.

Gareewwan lameen morkii cimaa gaggeessaniin, daqiiqaa 90 keessatti walqixa 1 fi 1’n ba’anis daqiiqaa 30 dabalamuun taphatanis goolii walirratti lakkoofsisuu hindandeenya.

Rukuttaa addaa bahiinsaa (Peenaalitii) kennameen Kirooshiyaan goolii 3 Jaappaanirratti lakkoofsisuun tapha nuusa xumuraaf darbuu mirkaneeffatteetti.

Halkan kana sa’aatii 4:00 irrattis Biraaziil fi Kooriyaa Kibbaa ni taphatu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.