Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Bulchiinsa Mootichaafi Gooticha Urjii Jaarraa 2ffaa irratti Xiyyeeffattu eebbifamuun gabaaf dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC)- Kitaabni Bulchiinsa Mootichaafi Gooticha Urjii Jaarraa 2ffaa irratti Xiyyeeffattu eebbifamuun gabaaf dhiyaateera.

Kitaabni fakkeenyummaa bulchiinsa gaarii mootichaafi gooticha Urjii Jaarraa 2ffaarratti xiyyeeffatu magaalaa Jimmaatti eebbifamuun dubbistootaaf dhiyaateera.

Kitaabichi barataaa yuunvarsiitii Jimmaa dargaggoo Abdulhaaliim Arabuutiin kan barreeffame yoo ta’u, seenaa Umar Abdul’aziiz keessattu adeemsa bulchiinsa haqaa isaanirratti kan xiyyeeffate tahuun himameera.

Akka barreessaan kitaabichaa jedhanitti kayyoon kitaabichaa fakkeenyummaa bulchiinsa gaarii mootichaafi gooticha Urjii Jaarraa 2ffaarratti xiyyeeffachuu dabalataanis biyya keenya Ityoophiiyaaf illee furmaanni tokkummaa fi waldanda’uu haqumma akka ta’e kan of keessatti haammate tahu dubbateera.

Barreessaan Kitaabicha dargaggoo Abdulhaaliim kitaabni eebbifamuun dubbistootaaf dhiyaate kun saba, amantaa fi naannoodhaan kan hin daangeffamne ta’uus ibseera.

Saganticharratti abbootiin gadaa,abbootiin amantaa,jaarsoliin biyyaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Samiiraa Muhaammadyaastu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.