Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Siinqee eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Kitaabni Siinqee mata duree “ The Essence Of Sinqe/Sinqo Cultural And Its Role In The Oromo Community” jedhuun Afaan Ingiliziin barreeffame magaalaa Finfinnee Hoteela Ililliitti  eebbifameera.

Kitaabichi walta’iinsa Ministeera Aadaa fi Ispoortii fi Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaan maxxanfamuu ibsameera.

Sirna eebbichaarratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Dippiloomaatonni, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee argamaniiru.

Kitaabichi afaan ingilizziitiin qophaa’uun ilaalcha dogongoraa kanaan dura Sirni Gadaa Oromoo mirga dubartootaatiif bakka hin qabu jedhu cabsuufi duudhaalee Siinqeen bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti qabu biyya keessaa fi biyya alaatti babaldhisuun galtee qo’annoofi qorannoo garaagaraatiif oolchuuf ta’uu obbo Qajeelaan ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gamasaan, Sirni Siiqqee Sirna boonsaa Uummata gurraacha addunyaa dubartoonni Oromoo duudhaa Sirna Gadaatiin waldhabdee hawaasaa hiikuufi nageenya buusuuf itti fayyedamanii fi addunyaaf fakkeenya ta’uudha jedhaniiru.

Aadaan boonsaan akka kanaa guddachuufi babaldhachuu akka qabu ibsuu ragaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.