Fana: At a Speed of Life!

Kitaabonni mata dureen isaanii “ateetee fi kuusaa afoola Oromoo Arsii “jedhaman eebbifaman

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Kitaabonni mata dureen isaanii “ateetee fi kuusaa afoola Oromoo Arsii “jedhaman hayyuu aadaa fi seenaa obbo Boonsamoo Mi’eessootiin barreeffaman Yuunivarsitii Arsiitiin maxxanfamuun eebbifaman.

Yuunivarsiin Arsii kitaabicha maxxansiisuu fi raabsuu irratti kan tumsu ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaan himaniiru.

Mul’ataa hayyuu kanaa Yuunivarsitiin Arsii Kitaaba kana maxxansuun galmaan ga’uu isaatti gammaduu haati warraa obbo Boonsamoo Mi’eessoo aadde Aashaa Roobaan dubbataniiru.

Obbo Boonsamoo Mi’eessoo godina Arsii aanaa Muunessaa ganda Heeban Dhubboo jedhamtutti bara 1974 kan dhalatan yoo ta’u, umrii isaanii guutuu nama guddina Afaan,Aartii,Aada fi mirga Oromoof hojjachaa turan ta’uu seenaan isaanii ni agarsiisa.

Itti aanaan Pireezidaantii dhimma qorannoo fi tajaajila haawaasaa Yuunivarsitii Arsii Dooktar Aadam Kadiir gama isaaniin, kitaaba waa’ee afoolaa fi kuusaa afoola Oromoo hayyuun kun barreessee osoo hin maxxansin lubbuun biraa darban, maatii isaanii waliin ta’uun kitaabbilee kanneen maxxansuu ibsaniiru.

Kennasaa Amanteetu Gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.