Fana: At a Speed of Life!

Komaandaar Atleet Daraartuun ijaarsa hidha haaromsaa arifachiisuuf hirmaannaan hawaasa cimee akka itti fufuu waamicha dhiyeessete

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu ijaarsa hidha haaromsaa guddichii Ityoophiyaa arifachiisuuf hirmaannaan hawaasa hunda galeessaa cimee akka itti fufuu waamicha dhiyeessetetti.

Komaandaar Atleet Daraartuun dhimma ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaarratti Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turti taasifteetti.

Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf mirrii gammachuu olaanaan kan itti dhaga’amuu ta’uu ibsuun, guutinsii bishaanii marsaa lammaaffaan ammoo gammachuu biroo fi miiraa injifachuu akka isheetti uumee himteetti.

Yeroo amma kana Ityoophiyaan guutinsa bishaanii raawwachuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsiteetti.

Ta’us sodaawwan nageenyaa alaa fi keessaan itti heeddummachuu kan ibsiteetti.

Komaandaar Atleet Daraartuun baatiwwan itti aanaan kan gaggeeffamuu gutiinsa bishaanii hawwiin eegaa jiraachuu himteetti.

Silaabbat Maannayeetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.