Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi aanaalee kuma 1fi 300’tti hirmaattota marii adda baasuuf ta’uu ibse

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa aanaalee kuma 1 fi dhibba 3 keessatti hojii galmeessaafi hirmaattota marii adda baasuu kan eegalu ta’uu ibsame.

Komishinichi yeroo ammaa adeemsa mariifi akkaataa hirmaattota itti adda baasanii irratti hojii galtee sassaabuu hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Ittaantuun Komishinara Olaanaa aadde Hiruut Gabrasillaaseen, komishinichi marii hirmaachisaafi hammataa ta’e gaggeessuuf itti gaafatamummaa qabaachuu eeruun, naannoleefi bulchiinsota magaalaatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun hojii galtee walitti qabuu xumuraa jiraachuu ibsaniiru.

Komnishinar Zagayyee Asaffaan gamasaaniin, Ityoophiyaan biyya uummata bal’aa qabdu waan taateef hawaasni hundi gama bakka bu’aa isaan hirmaata jedhan.

Uummata biyyattii hunda maricharratti hirmaachisuun ulfaataa ta’uu eeruun, filannoon bakka bu’ootaa kan gaggeeffamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Bakka bu’ummaan hirmaattotaa haala naannoleefi hawaasaan ulaagaa kan qabu ta’uufi hawaasni hundi bakka bu’aa akka qabaatu kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.