Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi godina Matakkalitti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif meeshaalee birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii olaanaan Godaantootaa godina Matakkalitti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamu taasiisuu ibsameera.

Komishinichatti Qindeessaan Asoosaa Viiktooriyaa Kooppaa har’a deeggarsicha Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa naannichaaf magaalaa Asoosaatti laataniiru.

Komishinichi laammiilee buqqa’an kanneeniif deeggarsa barbaachisu dhiyeessuuf mootummaa naannichaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu qindeessichi ibsaniiru.

Deeggarsichi uffata qorraa kuma 13, Agoobaroota Siree, afataalee fi uffataleee garaagaraa kan hammate ta’uu ibsamera.

Maatii kuma 4 ol fayyadamoo kan taasiisuu ta’uus himameera.

Komishinichi waamichaa taasiifameef fudhachuun yeroo gabaabaa keeessatti deebii laateef Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa naannoo Beenishaalguul Guumuuz obbo Taarraqanyi Taasiisaan galateeffataniiru.

Deeggarsichi iddoo lammiilee hedduun buqqa’an Aanaalee Bulanii fi Dibaaxeef yeroo gabaabaa keessatti kan qaqqabu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.