Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi lammiilee sababa balaa lolaan qe’eesaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 19 olii taasise

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)-  Komishiniin Gumruukaa godina Walaayittaatti lammiilee sababa balaa lolaan qe’eesaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 19 oliitti shallagamu taasise.

Deeggarsicha komishinarri komishinii Gumruukaa obbo Dabalee Qaabataan magaalaa Sooddootti argamuun bulchaa godinichaa obbo Akliiluu Lammaatti laataniiru.

Komishinichi kanaan dura kutaalee hawaasaa magaalaa Sooddoo sababa balaa ibiddaan qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’eef meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 40 olitti shallagamu taasisee turuu obbo Dabaleen yaadachiisaniiru.

Deeggarsi guyyaa har’aa taasifame uffata, galteewwan midhaaniifi meeshaalee qulqullinaa Birrii miiliyoona 19 olitti tilmaamamu ta’uu eeraniiru.

Bulchaan godinichaa obbo Akliiluu Lammaa gamasaaniin, godinichatti abbootiin warraa sababa balaa lolaan qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an miiliyoonni 1 ol jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsi komishinichi taasise lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf kan deeggaru ta’uu kaasuun, deeggarsichi hatattamaaniifi qixa sirrii ta’een  lammiilee akka gahu kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Maatuusaalaa Maatewoostu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.