Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi proojektoota bishaan dhugaatiii naannoo Horsise Bulaatti ijaaruf waliigaltee mallattteesse

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC)- Komishiniin Qindeessaa Misooma Naannoo Horsiise Bulaa Oromiyaa proojektoota bishaan dhugaatiii naannoo Horsise Bulaatti ijaarsisuuf kontiraktaroota waliin waliigaltee mallatteesseera.
Proojektoonni kunneen baasii Birrii miiliyoon 87 oliin ijaarramu jedhameera.
Itti aanaan Komishinichaa obbo Mahaamad Jiloo, baayinni proojektootaa kunneeni 5 yoo ta’an, hidha maayikiroo 3 fi haroo gurguddoo 2 ta’u ibsaniiru.
Proojektoonni kun godina Harargee Bahaa aanaa Miidhagaa Tolaa, Harargee Lixaa aanaa Gumbii Bordoddee, Baalee Bahaa aanaa Sawweenaa fi godina Gujii aanaa Aagaa waayyuutti ni hojjetamu jedhameera.
Akka gabaasa OBNtti proojektoonni kunniin guyyoota 120 kessatti xumuramanii Ganna dhufu bishaan akka qabachuu eegalu danda’an irratti waliigalameera jedhameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.