Fana: At a Speed of Life!

Komishiniichi Ayyaanni Cuuphaa nagaan akka kabajamuuf qophii taasisu ibse

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Komishiniin Poolisii Oromiyaa Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qophii taasiisu ibseera.

Komishiiniin Poolisii Oromiyaas Ayyaanni kun rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaa hunda xumuruu ibseera.

Miseensotni Poolisii Oromiyaas Uummatni ayyaanicha nagaan akka kajatuu fi balaa tiraafikaatiif akka hin saaxilamne qophii hunda xumuruun hojii keessa galuu himeera.

Hawaasni of eggannoo dursaa taasisuun waayita ayyanichi kabajamu baala Ibbidaa fi taatewwaan walfakkatoorraa of eeggachuu akka qabu Komishinichi hubbachiseera.

waanti addaa yeroo isa quunname Waajjira Poolisii dhiyeenyatti agamuuf eeruu fi odeeffannoo kennuun hirmaannaa hojii nageenyaa keessatti qabu sirnaan ba’achuu akka qabu komishinichi waamicha dhiyeesseera.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaan baga ayyaana cuuphaa bara 2015 geessan jechuun ergaa dabarsuu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.